Baaraak Obaamaan yeroo Finfinnee turetti maal maal jedhe?

'Dimokraasiin filannoo qofaa miti. Yoo gaazexeessitoonni hujii isaanii hojjataniif hidhaman; yoo namoonni mirgaafi dimokraasiif carraaqan doorsisaman, dimokraasii maqaa malee dimokraasii firii qabu qabaachuun hindanda’amu,' jedhe Obaamaan

prez.Baaraak Obaamaa Gamtaa Afrikaa [Finfinnee]

Prezidaantiin Ameerikaa Baaraak Obaamaan haasawa bal’aa galma Gamtaa Afrikaatti argamee godheen dhimmoota heddu irratti xiyyeefateera. Haasofni isaa irra jireessatti dhimmoota nageenyaa, diinagdee, dimokraasii, mirgaafi kkf irratti kan fuulleffate ture. Obaamaan jijjiirama Afrikaa keessatti mul’ataa jiru heedduu dinqisiifatus naannoo hir’inni jira jedhe irrattis quba akeekuufi yaada latuu hin oolle.

Obaamaan, keessumattuu adeemsa dimokraasiifi kabajaa mirga namaa irratti xiyyeeffannaa laachuudhan haasawa bal’aafi gadi fageenya qabu godheera. Yeroo Muummicha Minstera Itoophiyaa wojjin gaazexeessitootaaf ibsa laatetti, mootummaa Itoophiyaan ‘kan sirna dimokraasiin filame’ jedhee dubbachuun isaa mormitootaafi jaarmayaalee mirga namaaf falman biraa qeeqa cimaa kaasee ture. Haa ta’uu malee, haasawa galama Gamtaa Afrikaatti argamee godhe irratti yaada, amantaafi jecha waan guyyaa duraa jedhe san sirreessu, kanniin mormaniifi rifatan hanga tokko tasgabbeesu dubbateeraa. Obaamaan, ‘dimokraasiin filannoo qofaa miti. Yoo gaazexeessitoonni hujii isaanii hojjataniif hidhaman; yoo namoonni mirgaafi dimokraasiif carraaqan doorsisaman, dimokraasii maqaa malee dimokraasii firii qabu qabaachuun hindanda’amu,’ jechuudhaan sirna dimokraasii Itoophiyaa irratti qeeqa cimaa dhiyeesseera. Itti fufuudhaan Obaamaan, ‘hanga guutummatti mirga lammiilee kabajanitti biyyoonni abdii bilisummaan fidu dhugoomsuu hindanda’an,’ jedhe. Dimokraasii guutuufi itti fufiinsa qabu qabaachuuf Itoophiyaan hujii guddaa hojjachuu akka qabdu osoo hingorsin bira hindabrine, prez.Obaamaan.

Prez.Obaamaan bilisummaa lammiileen qaban babal’isuufi sirna dimokraasii diriirsuuf  dhugaa irratti hundaayanii yaalii wolirraa hincinne godhuun barbaachisaa akka ta’es osoo hindubbatin hinhafne. Yeroo lammiileen biyyoota adda addaa mirga isaaniitti dhimma bayuu dadhaban, addunyaan itti gaafatamummaa isaaniif dubbachuu ykn mirga isaaniif falmachuu akka qabdus ifatti lafa kaaye. ‘Waanuma namatti hintolles yoo ta’e; kanuma michuuwwan keenya irratti  xiyyeeffates yoo ta’e, Ameerikaan [waa’ee mirga namaa irraa] nidubbatti,’ jedhe Obaamaan. Waa’een dimokraasii, mirga namaafi bulchiinsa gaarii dubbachuu dhiisuun angawoota Afrikaa heddu woliin hojjachuuf irra salphaa ta’uu akeekee, garuu, Ameerikaan waa’ee kanatti waan amantuuf dubbachuu irraa kan ufhinqusanne ta’uu isaas ifa godhe.

Waa’ee sarbamiinsa mirga namaa biyyoota Afrikaa heddu keessatti bal’inaan mul’atuun wolqabatee, ‘waa’ee kanarraa kan dubbatuu qabu Ameerikaa qofa ta’uu hinqabu,’ jechuun dubbate. Biyyoonni Afrikaa sirna dimokraasii gaarii qaban yoo mirgi woliigalaa ummata biyyoota Afrikaa biraa cabuufi kabajaan isaanii hir’atu, sagalee isaanii dhaggeessisuu akka qabanis hubachiiseera.

Obaamaan angawoonni biyyoota Afrikaa heddu angoo irra yeroo dheeraadhaaf turuuf jecha seeraafi heera jajalisuun isaanii sirrii akka hinteene jala sarare. Adeemsi akkanaa, akka prez.Obaamaatti, tokkummaafi guddina biyyootaaf danqaa ta’uu bira ce’ee gara dhabamiinsa tasgabbiitti geessa. ‘Afrikaan,’ jedhe Obaamaan, ‘namoota ciccimoo osoo hintaane jaarmayaa ciccimoo barbaaddi.’ Prezidaant Obaamaan angawoonni tokko tokko kan tokkummaa biyyattii tiksuu ykn eeguu danda’au isaan qofa akka ta’etti amanu jedheera. ‘Yoo suni dhugaa ta’e,’ jedhe Obaamaan, ‘ angawaa san biyyattii ijaaruu irratti dhugumatti kufaatiin guddaan isa mudateera.’ Akka amantaa isaatti osoo angawaan suni biyya ijaareera ta’ee, biyyi suni namoota ciccimoo abdii biyyattii ta’uu malan sababni hinmagarsineef tokko hinjiru. 

Gamtaan Afrikaa akkuma fonqolchaafi angoo karaa seera-dhabessaan wolharkaa fudhachuu balaaleffatu, angawoonni biyyoota Afrikaa gadaa isaanii fi heera akka kabajan godhuuf Gamtaan Afrikaa  ciminaan hojjachuu akka qabu Obaamaan gorseera. Prezidaant Obaamaan, ‘eenyuu umrii guutuuf prezidaantii ta’uu hinqabu,’ jedhe.

Angawoonni Itoophiyaafi kanniin biyyoota Afrikaa biraa gorsa Obaamaa fudhatu moo itti kolfanii bira darbu? Ammatti wonti beekame hinjiru. Muuxxannoon woggoota dabreefi amala angawoota kanaa irratti hundaayuudhaan wonti ammatti jedhamuu danda’amu jijjiiramni rakkoo kanniin bu’uuraa furu yeroo gabaabaa keessatti dhufuu  kan hindandeenne ta’uu isaati. Biyyoonni akka Itoophiyaa, Ruwaandaa, Yugaandaafi kanniin biraas, namni ykn paartiin tokko gannaa 20 oliif biyyoota kanniin bulchus, haasaya afaaniifi hidhii xuuxachuu malee murannoofi fedhii gara dimokraasitti biyyoota kanniin geessu hanga ammaatti hinmul’isne. Obaamaan rakkoo jiru ifatti kaasuu isaatiin mufii, komiifi qeeqa jalqabaa kaasee ture hanga tokkos ta’u mataa isaa irraa buusuu danda’eera garuu.