Baankiin Biyyoolessa Itoophiyaa boordii Baankii Hojii Gamtaa Oromiyaa haarawaan bakka buuse

Bara 2010 keessas miseensonni boordiifi koreen hojii raawwachiiftuu Baankii Awaash hojii irraa ari’amanii turan

Torbaan darbe Baankiin Biyyoolessa Itoophiyaa hooggantoota Bankii Hojii Gamtaa Oromiyaa ijoo hujii irraa ari’uun niyaadatama. Ari’amuu isaanii hordofee, boordiin haarofni uumamuun isaas labsameera.

Akka ibsa bayeetti namoonni ari’aman dura taa’aa boordii baankichaa Dr. Abarraa Dheeressaa, Itti-aanaa boordii ob.Taaddasaa Masqalaa, prezidaantii baankichaa ob. Wondimaaganyehu Nagaraa fi itti aantota isaanii ob. Tolasaa Bayyanaafi ob. Abbabaa Xilahuun dha. Akkasumas daayireektara tajaajila baankii biyya alaa kan ta’an ob. Baantaayyehu Kabbadaa kanniin ari’aman keessa isa tokko.

Hoogganni kuni guutuun maaliif altokkoon ari’ame? Gaafii madda wolaba ta’e irraa hanaga ammaatti deebii hinarganneedha. Dhimmi sharafaafi daldala biyya alaa ari’amuu hoogganoota Baankii Hojii Gamtaa Oromiyaatiif waan Baankiin Biyyoolessa Itoophiyaa akka sababaatti dhiyeesseedha. Sharafaafi daldalli biyya alaa dhimoota baankiin kamuu irratti hojjatuudha. Achi biratti maaltu akka bade ykn hir’ate Baankiin Biyyoolessa Itoophiyaa hinibsine. Maaliif akka ibsuus hinfeene wanti beekame hinjiru. Baankiin Biyyoolessa Itoophiyaa tankaarfii kana fudhachuuf seerri biyyattii isaaf ni hayyamaa inni jedhus gaafii nama hedduuti. Kanas ta’ee san, gama miidiyaalee hawasaatiin yaanni garagaraa laatamaa jira. Hedduun namootaa jechutti kan jiran kufaatii hooggana Baankiin Hojii Gamtaa Oromiyaatiif sababni guddaan guddinaafi milkii baankichaafi hoogganni kuni galmeessiseedha. Baankiin kuni yeroo gabaabaa keessatti akkas saffisaan guddachuufi injifannoo gurguddaa galmeessisuun isaa mootujmmaa hingammachiisne yaanni jedhu dhageettii argataa kan dhufe fakkaata. Baankiin Biyyoolessaa Itoophiyaa bara 2010 keessas miseensota boordiifi koree hojii raawwachiiftuu Baankii Awaash hojii irraa ari’uun isaa niyaadatama.

Sababa arii’amuu isanii ibsuuf hoogganoota bankichaa kanniin ari’aman keessaas namni hanga ammaatti dhimma kana irratti ibsa laate tokko hinjiru. Yeroo Baankiin Biyyoolessa Itoophiyaa hujii irraa ari’amuu hooogganoota kanaa ibsutti, hoogganni baakii gurguddoon sadi biyya keessa hinturre. Hujiidhaaf biyyaan ala turuu isaati kan himame.

Baankiin Hojii Gamtaa Oromiyaa erga dhaabatee umrii woggaa 10 keessatti injifannoo gurgudada  galmeessiseera. Baankichi baankota dhuunfaa Itoophiyaa 16 keeessaa Daasheniifi Awaashitti aanee bu’aa gabeessummaadhaan yeroo dhihoo asi sadarkaa 3ffaa irra jira. Baankichi dimshaashatti (gibiraa keessaa osoo hinbayin) bara 2014 keessa faaydaa qarshii miliyoona 602 galmeessisuun isaa gabaafameera. Kallattii baankichi faaydaa guddaa ittiin argamsiise keessaa inni tokko damee tajaajila baankii biyya alaati. Baankiin Hojii Gamtaa Oromiyaa  Adoolessa 2015 keessa sadarkaa idil-addunyaatti badhaasa gaarummaafi hooggansa gaarii argateera.

Baankiin Hojii Gamtaa Oromiyaa guutuu biyyattii keessatti dameelee 144 qaba. Yeroo Wondimaaganyehu Nagaraa (prezidaantichi) bara 2011 gara baankichaatti dhufu baankichi dameelee 43 qofa qaba ture.

Hoogantoonni baankii namoota sadarkaa biyyaatti maqaafi seenaa guddaa qabaniidha. Dr. Abarraa Dheeressaa, dura taa’aan boordii, itti aanaa minisitera qonna Itoophiyaa ture. Nama sadarkaa addunyaatti dhaabbilee addaddaa hoogganeefi qorannoo addaddaa geggeessaa tureedha. Kitaabaafi barruulee qorannoo 40 oli nama barreesseedha, Dr. Abarraa Dheeressaa. Ob.Taaddasaa Masqalaa ammo Gamtaa Qoteebultoota Buna Oromomiyaa 1999 kaasee nama hoogganeefi gamtaan kuni sadarkaa addunttatiis osoo hinhafin akka beekamuuf adda durummaadhaan nama hojjateedha. Prezidaantiin baankii ob.Wondimaaganyehu Nagaraa duraan Baankii Daldala Itoophiyaa keessatti nama itti-aanaa prezidaantii (operation) ta’ee hojjataa nama tureedha. Ob. Wondimaaganyehu Nagaraa prezidaantota baankii Itoophiyaa keessaa jiraanii hundarra umriin dargaggeessadha.

Baankiin Hojii Gamtaa Oromiyaa bara 2005, woggaa 10 dura, kaapitaala qarshii miliyoona 112’n hojii eegale. Xiyyeeffannaan isaa irra jireessatti damee qonnaaf deeggarsaafi liqii maallaqaa laatuudha. Irra jireessatti baankii kana kan hundeessan gamtaalee qoteebultoota garagaraati.  Akaakuu isaatiin Baankiin kuni Itoophiyaa keessatti isa jalqabaati.