Baankiin Addunyaa imaammata isaa cabseera, jedha koreen BA yakka mootummaan Itoophiyaa raawwatu qorate

Hujiin Baankii Adunyaa suduudaanis ta'ee bifa birootiin imaammata mootummaan Itoophiyaa lafa irraa nama buqqisuu deeggaraa ture ykn osoo argu bira kan dabre jedhama

Itoophiyaa keessatti namoota heddu sababa gurgurtaa lafaatiin (maqaa investmentiitiin abbootii qabeenyaa biyya alaatiifi biyya keessaatiif kennamuun) qe’eefi qabeenya isaanii irraa fedhiifi beenyaa gayaan alatti kan buqqa’an. Dhimmichi lafa gurguruufi ummata lafa isaa irraa buqqisuu addadurummaan raawwataa kan tureefi kan jiru mootummaa Itoophiyaatiin. Ta’us, dhaabbileen addaddaa jiru kan suduudaanis ta’ee karaa biraatiin tankaarfifi hujii gocha mootummaa Itoophiyaa jajjabeessu kan utuban: deeggarsa maallaqaafi gorsaa laatuu dabalatee. Isaan projeektota mootummaan lafa irraa nama buqqisuu kana deeggaraa turan ykn hujiin isaan itoophiyaa keessatti raawwatan milkayina karoora mootummichaatii kan gummaache  keessaa ijoon Baankii Addunyaatiifi Gulantaa Gargaarsa Misooma Addunyaa (DFID UK) adda durummaan kan ka’aniidha. Yeroo heddu namoota dhuunafaafi dhabbilee addaddaa irraa qubni kan isaanitti akeekamaa ture. Kunis waa malee hinturre.

Namoonni qe’eefi qabeenya isaanii irraa buqqa’an garuu biyya keessatti mootummaas ta’ee dhaabilee kaniin iratti himannaa bifa kamuu banuu hindandeenne falmaa haqaaf godhamu gara biyya birootti fudhatan. Keessumattuu namoonni dhalootaan naannoo Gambeelaa irraa ta’an adda durummaan dhaabbilee asii olitti tuqaman lamaan irratti biyya alaa keessatti himannaa kan banan. Bu’aan himannaa kanaa kallattiidhaanb maal irra akka gaye hanga ammaatti wonti beekamu hinjiru. Garuu himannaan kuni akka Baankiin Adunyaa himannaa irratti baname kana qoratuuf sababa guddaa ta’eera.

Baanikii Adunyaa lafa irraa buqqa’uu lamiiwwan Itoophiyaatiin wolqabatee hirmaannaan Baankichaa maal akka ture kan qoratu koree tokko dhaabee ture. Koree sani egaa adeemsi Baankichaa sirrii akka hinturre; dhittaa mirga dhala namaa saamicha lafaatiin wolqabatee bal’innaan Itoophiyaa keessatti adeemaa ture Baankichi osoo argu akka waan hinarginee ta’ee bira dabraa turuu isaati gabaasni koree qorattuu kan ifa taasise. Akka gabasa koree kanaatti, hanga ammaatti ummataaf guutummatti ifa hintaane, tankaarfiin Baankichaa madaallii hedduun yoo ilaallamu rakkoo lafa irraa buqqa’uu Itoophiyaa keessa jiru kan jajjabeessaa tureedha. Gochi ykn adeemsi kuni imaammata Baankichaatuu kan cabse ta’uu isaati Jesikaa Evaans qorattuun Human Rights Watch kan dubbattu.

Bifuma wolfakkaatuun danqaa seeerri biyyattiin 2009 baaste  mirgoota ummataa dhiphisuufi daangessuu danda’u hir’isuuf wonti Baankichi godhe kan hinjirre ta’uu isaati kan koreen qorattuu kuni ifa taasise.

Rakkoofi balaa kallattii hedduun mootummichi Itoophiyaa ummata irraan gayaa jiru dhabbileen falmaa mirga namooaafi gaazexeesitootaa yeroo addaddaatti ibsaa, gabaasa turan. Mootummichi garuu yero hunda akkuma waakkatetti. Inumaa dhaabileen kunniin gocha maqaa mootummaa Itoophiyaa xureessuu iratti bobba’aniiru jedha.

Bu’aan qorannoo kanaa tarii dhaabileen mootummaa Itoophiyaa maallaqaan deeggaran imaammata isanii akka irra deebi’anii gamaaggaman taasisuun nimala jedhama. Dhaabbileen mirga namoomaaf falman kanniin maallaqan Itoophiyaa utuban gargaarsa isaan Itoophiyaaf latan kabajamuu mirga lammiiwwan biyyattiitiin wolqabsiisuu akka qabaniidha kan gorsan.

Boordiin baankii Addunyaa guutummaa gabaasa koreen qorattuu kuni dhiyeesse Gurraandhala 26 ilaaluuf deema jedhama.

Guutuummaa gabaasa kanaa