Atleet Eebbisaa Ijjiguu fiigicha Kanaadatti geggeeffame irratti Woyyaanee balaaleffate

Atleetonni keenna qabsoo Oromoo gara dirree addunyatti baasuu itti fufan

Atleet Eebbisaa Ijjiguu fiigicha Maaratooni Kubeek (Kanadatti) geggeeffame irratti harka isaa lamaan olqabuudhaan mormii mootummaa Woyyaaneef qabuu fi deeggarsa qabsoo Oromoof  ibse. Ebbisaan mallattoo ‘X’ Woyyaanetti kan argisiise , akkuma gooticha Fayyisaa, dhuma fiigicha Maaratoonii irratti. Eebbisaan fiigicha kana 1ffaa ta’uudhaan kan xumure.

Atleet Eebbisaan fiigicha maratoonii kana sa’aa 2:30:40 tti xumure.

Ebbisaan atileetii fiigicha dheeraa fiidhaan beekamuudha. Caamsaa dabre keessa maaratoonii Misisa’ugaa (Kanadaa) kan moo’ate Eebisaa ture.

Atleetonni keenna injifannoo cululuqaa kan galmeessisaa jiran fiigichaan moo’uu qofaan miti. Fundura kaameraa addunyaatti, iddoo ijaa fi gurri hundaa jirutti, ajjeechaa fi gidiraa Oromoon woggoottan hedduuf keessa ture addunyatti agarsiisuudhaan qabsoo Oromoof utubaa guddaa ta’aa dhufa jiran. Qabsoon wolfakkaataan gara funduraatti, dirree wolfakkaataa irratti, atleetota Oromoo biroonis ni taasifama abdii jedhutu jira.

Atleetota keenna isiniin boonna!