Angawoonni OPDO gurguddoon taayitaa irraa ari’amuuf jedhame

Muktaar Kadiirii fi Dhaabaa Dabalee Oromoos ta'ee TPLF'iin tajaajiluu hin dandeenne.

OPDO’n wolgahii hatattamaa sadarakaa koree hojii raawwachiiftuu dhaabaatti geggeessuuf adeemtu irratti bulchitoota naannichaa fi angawoota dhaabaa gurguddoo irratti gamaaggama cimaa geggeessuuf jedhame. Seeyfiin gamaaggamaa jalqabatti kan irra ooltu, akka odeeffannoon keessaa baye akeekutti, Mukrtaar Kadiirii fi Dhaabaa Dabalee ta’uunis hubatameera. Namoonni kunniin lamaanii fi kanniin biroos angoo irraa ni ari’amu jedhemeeti kan eeggamu. Ari’amuu jalaas yoo dandamatan, salphachuun isaanii ifa.

Angawoonni kunniin gara angoo dhabuutti kan isaani gessu Oromoof dhaabachuu miti. Oromoo fincile amansiisuu fi jilbiiffachiisuu dadhabuu isaaniiti. Qeeqni gama TPLF’n OPDO fi bulchiinsa naannoo Oromiyaa irratti dhiyaataa ture, jalqabumaa kaasee hujiin gaafii ummataa ukkaamsuu fi erga ummanni daanditti bayee boodas tankaarfii cimaa fudhachuu irratti dadhabina guddaan jiraachuu isaati. Miseensota OPDO gaafii ummataa deeggaranis yeroodhaan sirreessuu fi ufkeessaa qulqulleessuu dadhabuun hir’inaa ta’uu fi gufuu guddaa uumuu isaa irratti angawoonni EPRDF hubannaa tokko irra gayaniiru.

Kan siyaasa Itoophiyaa duukaa bu’ee hordofu kamiifuu TPLF tankaarfii cimaa angawoota OPDO irratti hin fudhatan jechee hin yaadu; keessumaayyuu yeroo kasaraan siyaasaa hangana gayu isaan mudate kanatti. Ganna 25 guutuu miilaan qajeelatti gadi dhaabachuu kan dadhabe OPDO’n, qilleensa saahuu mooraa TPLF irraa itti bubbisuun akka allaanduu asii fi achi, ol jedhaa fi jadi jedhaa; ergamaa, tuffatamaa fi ajaja Abbaay Tsahaayyee faan taaytaa irraa ari’amaati kan har’a geette. Ammaaf, oduun kuni dhugaa moo dhara isa jedhu beekuuf nama rakkisa; hanga xumura wolgahiitti obsuun dirqii ta’a. Garuu, tankaarfiin cimaan fudhatamuu isaaf kan wolnama gaafachiisuu miti.

Wantuma fedhee yoo ta’e, Muktaar ari’amee Bakar Shaalee taayitatti dhufuun Oromoo ajjeefamuu, hidhamuu fi saamamuu irraa hin hanbisu. Haada, yeroofis ta’u, TPLF dhidhimuu jalaa ittiin baatu ta’uu nimala, garuu. Jijjiiramni bifa kamuu OPDO keessatti dhufa taanaan kan ifatti mul’isu waan biraa miti: Dooniin Woyyaanee bishaan seensisuu isiiti. Kan itti aanu guutummatti dhidhimuudha. Hujiin danbalii amma jiru daran hammeessuu kan Oromoo ta’a jechuudha.

OPDO fi ummata Oromoo bal’aa harka ufiitti galchuuf mootummaan TPLF’n durfame tooftaa addaddaatti dhimma bayaa tureera. Mataa OPDO irratti namoota hafuura TPLF’n maletti jiraachuu fi arraba waaqni isaaniif kenneen dubbachuu hin dandeenne tuluu bira ce’ee hanga Oromoo shan-shaniin hidhuttis adeemeera. Yeroo garagaraatti kan argine suni hundi akka worri TPLF yaadee fi karoorsetti kan hin hojjanne ta’uu isaati. Kana booda tooftaa umrii ittiin dheereffatan isa kam tolfatanii akka gadi bayan hubachuun nama rakkisa. Ajjeechaanis Oromoo akka hin jilbiiffachiifne baatiin sadiin darban TPLF fi addunyattis ifa taasiseera.

Anagoota OPDO geggeddaruun TPLF’f fala baatii muraasaa malee bifa kamiinuu furmaata waaree fiduu hin danda’u. Jaalatanii jibbannii, jijjiiramni waaree Oromiyaa fi Itoophiyaa keessattii dhufuu kan danda’u yoo Oromoon mirga, haqaa fi kabajaa isaa mirkaneeffate qofa. Mootummaan humnaan angoo irra jiru, kuni dhugoomee arguu yoomuu hin fedhu. Kuni akka dhugoomu kan godhu Oromoodha; qabsoo eegale finiinsee itti fufuudhaan.