Ammatti boba’aa fi anniisaa Habashoota/ESAT irratti galaafannu qabnaa?

Qabsoon Oromoon baatii sadii oliif ittii jiru qabsoo haalaan cimaa ta’ee fi hadhaayaadha. Kana jechuun milkaayini qabsoo kanaa, gaaga’ama hir’isuus dabalatee, kan rarra’u yeroo yerotti tooftaa keenna gegeeddarataa; akkasumas obsaa fi xiyyeeffannaa guddaadhaan qabsicha eegalle yoo funduratti dhiibuun danda’amedha. Yoo kana goone qofa Woyaanee fi humnoota biraas irra aanuu kan dandeennu.

Yeroo imala dheeraa, dadhabsiisaa fi obsa fixachiisaa kana irratti bobbaanee jirru kanatti wantoonni obsa nama fixachiisanii fi xiyyeeffannaa namaa gachisiisan heddu, kallattii addaddaa irraa yoo nutti as bayan argina: mootummaa Woyyaanee fi humnoota masaanuu keenna ta’an kanniin biraa irraas. Inni humnaa fi muuxxannoo gayaa qabu qilleensa kallattii hundaan isa raasu jala gadi jechaa, dhagaa diinni itti roobsu hunda ufirraa qolachaa funduratti tankaarfachuu ni danda’a. Gaafiin hundi keenna ufgaafachuu qabnu, dhugaa irratti hundoofnee, haala amma irra jirru kanatti diina nu ajjeesuu fi isa dhoqqee nutti facaasu altokkotti keessummeessuu ni dandeennaa isa jedhu. Hubannaa fi amantaan koo, humni sabboontonni Oromoo ammatti qaban woraana kallattii lamaa geggeessuu isaan hin dandeessisu. Kana jechuun tooftaa dhimmoota banamiinsa kallattii woraanaa isa lammataaf (mooraa habashaan wolfalamuu) haala mijeessan ittiin hir’isnuu fi woraana Woyyaanee irratti labsine itiin cimsu/babal’ifnu qabaachuu nu gaafata.

Oromoon bara kana ka’eera. Injifannoon baatii sadiin darbanitti gonfanne Oromoo boonse. Woyyaanee hedduu rifachiise. Mooraa Habashaa ammoo cee-cee jechisiise; guumgumsiise. Oromoon kanaa ol ka’eera osoo ta’ee maaltu akka uumamuu malu tilmaamaa. Dhugaan jiru garuu, hangamuu wanti ta’e mataa ol nuqabachiisuu, daangaan irree fi humna Oromoo waan baatii sadan darban argine qofaa miti. Oromoon kanarra socho’uu fi ardii sochoosuu ni danda’a. Kun akka ta’uuf lafarratti hujiin guddaan hojjatamuu qaba.

Qabsoon Oromoo bobba’aa xiqqoodhaan socho’aa kan jiru.  Fincila diddaa gabrummaa kana anniisaa Oromoo guutuudhaan sochoosutti hin jirru. Boba’aa guuttanne, anniisaa gayaa arganne taanaan diina nu afoo dhaabatu hunda mancaasaa fi kukuffisaa bira darbuun Oromoof waan salphaa tokko. Ammatti garuu, bobba’aa fi anniisaan harkaa qabnu xiqqaa waan ta’eef tooftaa waan xiqqaa harkaa qabnutti dhimma bayuudhaan diina irratti goolii heddu galchuu nu dandeessisutti dhimma bayuudhaaf dirqamna. Haalli kuni irree fi anniisaa qabnu diina gurguddaa jennu qofa irratti akka galaafannuuf nu dirqa. Akka carraa ta’ee woggoottan darban keessatti diinaa/masaanuu heddu horreerra. Diinni guddaan ammatti xiyyeeffannaa Oromoo guutuu barbaadu isa kami garuu? Anaaf, Woyyaaneedha. Humnaa fi yeroon keenna dhibbaan dhibbatti galaafatamuu kan qabu Woyyaanee jilbiiffachiisuu irratti. Boba’aa fi dhagaa qabnu isa gurratti nu wocuu fi daaraa nutti kaasu hunda irratti yoo firfirsina ta’e, diina hidhate ajjeesuu hanqanna, madoofnee harka duwwaa dirree irratti hafna.

Kana kaasuudhaaf kan na dirqe daaraa fi woca tibbana mooraa Habashootaa/ESAT irraa ka’een wolqabatee wantoonni mooraa sabboontota Oromoo keessatti adeemaa jiran waan natti hin tolleef. Mooraa Habashaa/ESAT irraa Oromoon waan guddaa hin eegu: duris, har’as. Kayyoo fi hawwiin isaanii maal akka ta’e beekamaadha. Dhugaan jiru, worri mooraa sanii dantaa isaanii funduratti dhiibachuuf dhaabatan. Kana dhugoomsuuf halkaniifi guyyaa hojjatan. Jalqabumaa kaasee Oromoof dubbachuu fi falmachuun kayyoos, galma isaaniis miti. Nutis kan sochoonuu fi woreegamnuuf addadurummatti dantaa keennaaf. Nutis isaan beekna. Isaanis nu beeku. Wolbeekuun gaariidha.

Ammatti lamaan keennaa dhoqqee keessa jirra. Yoo fuula wolitti deebifanne irra caalatti kan wolgoonu dhoqqee wolitti facaasuu fi wolxureessuudha. Wolajjeesuu fi wolhiisisuu gama keennaa fi gama isaaniitiis namni danda’u hin jiru. Humna san godhuu ammatti kan dhuunfate Woyyaanee qofa. Sabboontonni Oromoo worra mooraa Habashaa keessa jiru woliin tumsa uummachu ykn wolhubachuu yoo dadhaban maaliif dhoqqee wolitti facaasuu fi maqaa wolxuressuu irraa uf hin qusanne? Maddi rakkoo kanaa, akka hubannoo koottii, bilchina siyaasaa dhabuu fi dhimmoota balballeettii irratti xiyyeeffachuu dadhabuudha. Hnag yoomiitti bifa kanaan deemna? Birhaanuu Naggaa halkan guyyaa yoo iyye, jeequmsi isaa tiissisa bonaa irra waan hin jirre. Umanni kuni waan ifatti dubbatuu fi fakkeessaadhaaf godhatu caalatti wanti dhoksatti hojjatanii fi dubbatan heddu. Nu faarsanis guutummatti faaruu isaaniin gowwoomuu hin qabnu. Kanas jechuun shakkidhaan liqimfamnee waanuma mooraa sanii dhufu hunda busheessuu fi diinummaan labsuu qabna jechuu koos miti. Beekumsaa fi muuxxannoo qabnutti dhimma baanee, aarii fi xiiqii hir’isnee, waa hunda madaallii sirrii irra kaayutu nurraa eegama. Nutti wocanis woca isaaniin dallanuun sirrii hin ta’u. Siyaasni aarii fi xiiqiin, diinummaa barabaraan geggeeffamu siyaasa deemsisuu fi bu’aa yaadameef argamsiisu hin ta’u. Adeemsi akkasii bishaan booressuu bira ce’ee laga nama hin ceesisu.

Galmi keenna fagoodha. Gaafii fi fedhiin keenna heddu. Hunda caalatti, qabsotti kan jirru, ammatti, isaan woliin miti. Kan isaanii yeroo kanatti, yoo nu faana deemuuf qophaayan, gara duubaatiin akka yaabbatan hayyamuun badii inni fidu ani hin argu. Isaan nu duubaan koruu mitii, argaadhuma isaanii hin feenuu jechuudhaaf mirga guutuu qabna. Kan hubatamuu qabu, adeemsi akkanaa bifa kamiinuu injifannoo hawwinutti akka nu hin kaleessine ta’uu isaati. Faranjii fi gurraacha irraas waan qabsoo teenna utubu wolitti funaanneeti malee kophaa keenna imala, isa sanuu gaaraa fi hallayyaa heddummatu, irratti bobbaanee injifannotti bayuun hedduu rakkisaa ta’a. Yoo worri mooraa Habashaa isin duubaan hin yaabbannu jedhan, ammas cee-cee heddummeessan tuffannee bira kutuu malee wanti isaanitti woccuu fi oldachaafannee falmaaf qophoofnuuf jira natti hin fakkaatu. Isaan woliin falminee moo’achuun keenna nimala. Injifannoo isaan irratti galmeessuun masaraa Finfinee nu hin geessu, garuu.   Dhumni, tasatti yeroo, boba’aa fi anniisaa Woyyaaneef male isaan irratti galaafachuu ta’a. Tuttuqqaa fi jeequmsa mooraa habashaan rifachuu fi obsa fixachuun qabsoo eegalle abshaalummaan geggeessaa akka hin jirre kan agarsiisu ta’a.

Mooraa habashaa/ESATn jibbuu fi tarsiimoo Woyyaanee ittiin jilbiiffachiisan qabaachuun waan garagaraati. Kaayyoon keenna guddichi Woyyaanee irratti ol’aantummaa gonfachuu yoo ta’e, woca fi jette-jettee ganda Habashaa/ESAT irraa nudhaqqabuu fi qilleensa achii as nutti bubbisuuf bakka qabaachuu hin malle. Yoo danda’amee waanuma danda’aniin, maaliif hamilee qofaan hin ta’in, nu deeggaran waan gaariidha. Nu deeggaraa jennees booyutti hin jirru. Ammatti kan nuti isaan irraa gonkumaa arguu hin feene gufuu nutti ta’uu isaaniiti. Woca isaaniis gufuudha jedhee kan fudhatu ni jira. Anaaf kuni gufuu miti. Waanuma dur eegalanitti jiru maleen waan addaan gadi hin baane. Tuffannee bira kunna jechuudha! Woyyaaneen OPDO akka uumtuuf, sanuu yeroo Dargii kuffisuuf qarree irra geettetti, kan isii dirqe haala yerooti. Mootummaan Ameerikaa woggoottan muraasa dura Asaad (Sooriyaa) deemuu qaba jedhe har’a maalitti akka jiru ni argina. Yeroo tokko tokko siyaasni goggoginaa fi kaleessa maal jedhee maal naan jedhaniin hin geggeeffamu. Haalli yeroo akka geggeeddaramaniif nama dirqa.  Geggeeddaramuu jechuun ammoo kaayyoo dagachuu osoo hin taane, namni heddu akkasitti hubata, kaayyoo bayaniif galmaan gayuuf jecha hadhaa liqimsaniidha. Dhimma kana irratti, tapha siyaasa addunyaa irraa qabsoo fi qabsaayonni keennas waa heddu barachutu irraa eegama.

Waan tokko tokko yoodhagayuun hedduu na ajaa’iba. Mooraan Habashaa qabsoo Oromoon geggeessaaru haal duree tokkoon maletti deeggaruu dadhabuu, qabsoo nuti itti jirrus ija shakkiitiin ilaaluun isaanii Oromoota heddu ajaa’ibe. ESAT viidiyoo argisiisu irratti siidaa Aanolee muree irraa hanbsisuun namoota heddu raaje. Gaafiin koo, tiissisa irraa damma eegaa turre jechuudha? Ummanni kuni ummata Aaanoletti harmaa fi harki hin muramne jedhu ta’uu akkamitti daganne? Wanti Oromoon qajeelatti hubachuu qabu, mooraan Habashaa fi sagaleen isaanii ESAT, yoo haalli dirqe malee gonkumaa gaafileen ijoon Oromoo deebi’ee, mirgaa fi haqni isaa kabajamee arguu hin fedhan. Maaliif? Kabajaa fi dantaa isaaniitu tuqama waan ta’eef. Mooraa habashaa keessatti dhimmoota Oromoon wolqabatee cee-ceen yeroo addaddatti ka’a. Ka’uun wocaa tasa na hin ajaa’ibu. Kan na ajaa’ibu garuu, yoo wocni gamasii ka’u maaliif akka nuti dallannuu fi obsa fixannuudha. Biras ceenee maaliif isaanitti dhagaa darbachuu fi deebii laatuuf akka gamasitti gugannuu naaf hin galu. Kaayyoo qabsoofnuufi ammatti eennuun irratti akka qabsoofnu qajeelatti hubanne taanaan, maaliidhaaf ufitti amannee, cee-cee isaanii tuffannee funduratti tankaarfachuu fi hujii eegalle irratti xiyyeeffachuu dadhabna? Yoom mooraa Habashootaa tuffachuu barannaa? Yoomiin qorqoorroo isaan tumaniin rifachuu fi dadammaquu dhiisuu jalqabna? Sabboontonni Oromoo mooraa habashaa gochaa fi jechaanis caalanii argamuu qabu.

Oromoon haqa isaa kan tikfatu, mirga isaa kan kabjsiifatu yoo moo’atee Finfinnee qabate qofa. Sabni biraa kamuu, soda fi shakkiin nu ilaalu waan ta’eef, fedhii fi dantaa Oromoo guutummati kabjuudhaaf fedhii hin qaban. Itoophiyaa dimokraasii fi mirgi namaa keessatti kabajame/dagaage keessatti, ol’antummaa seera irratti hundaaye kan mooyu Oromoo ta’a. Dantaa Oromoo sharafee namni ykn gareen angotti bayu tokko hin jiraatu. Woyyaaneen nurraa haabuutuu malee kana booda inni kamuu qawweenis akka nu jilbiiffachisuu hin dandeenne sochiin batii sadii ragaa guddaadha. Isa ammaaf malee isa boruuf hirriba dhabuu hin qabnu. Dargaggoon Oromoo haa jiraattu!

Akkuma gara gubbaatti tuqetti mooraan Habashaa wocuun alatti ammatti balaan isiin nurraan geettu waan guddaa miti; yoo kan jiraatu ta’e.  Ufiifuu hin jirtu. Isaan wojjiin falmaaaf dirretti bayuun ammatti tasa hin barbaachisu. Garuu, hanga Woyyaaneen kuftutti isaan woliin tofftaa yeroo uummachuu fi wolhubannoo qabaachuun faaydaa yoo ta’e malee gaaga’amni inni qabsoo keenna irraan gayu hin jiru. Sababoonni ijoonis:

  • Kallattiin xiyyeeffannaa qabsoo keennaa ijoon ammatti Woyyaaneedha. Kanarraa wanti ija keenna nu kaasisiisuu fi xiyyeeffannaa nu gachisiisu kamuu hinbarbaachisu. Kana jechuun duruunfannee funduratti deemna jechuus miti. Ija banachuu jechuun ammoo kanuma woce ykn nu midhate hundatti bobaasuu fi dhagaa roobsuu jechuus akka hin taane haa hubatamuu.
  • Wol’aansoon qabsaayota Oromoo fi worra mooraa habashaa jidduttii geggeeffamu inni kamuu (silaa intarneetiidhuma irratti wolitti dedeebisuudhaa) hunda keena dadhabsiisuun alatti Oromoofis habashaafis faaydaan inni qabu hin jiru.
  • Sa’aa kanatti tarsiimoo qabsoon Oromoo hordofuu qabdu keessaa inni tokko dinaa fi gufuu hir’isuu ta’uu qaba. Gufuu hir’isuun waanuma akkasitti bilisa dhufuu miti. Innis gatii kaffalchiisu qaba. Gatiin kaffalamuu malu tokko jechoota nama mufachiisan gamasii darbatamu tokko tokko argaa bira dabruu fa’a ta’uu ni mala. Worri mooraa habashaa yoo deeggarsa bifa kamuu (hamilee- sanii oli hedduu eeguun rakkisaadha) yoo nuuf laatan waan dansaadha. Yoo kuni ta’uu baate ammoo daanga irraa dhaabatanii falamaa nuuf Woyyaanee jiddutti ta’u taajjabuun alatti bifa kamiinuu imala keenna irratti gufuu ta’uu hin qabana. Tuttuqqii fi duchiisiinsa gama sanii (garee irraas  ta’ee namtokkee) nutti dhufutti rifachuu, dallanuu fi akka waan haarawaatti fudhachuu hin qabnu. Bilchinni qabsaayotaa fi qabsoo tokkoos kan maddaalamu waanuma hundaan aaruu fi rifachuu dhabuudhaan dhimma ijoo irratti fuulleffachuudhaan qabsoo geggeesuu danda’uudha.
  • ESAT kaayyoo isaa galmaan gayatuuf kan maallqa san hunda kiisa faranjootaa seensisuuf. Ta’us, ESAT’n madallii haqaa irra yoo keennu, umrii isaa woggaa shan kanatti, salphiinnii fi gabrummaan, isa dur nurra tureen alatti, ESAT nutti dabale hin jiru. Inumaa baatii sadan dabran ESAT dhimmoota Oromoo irratti bifa gaariin hojjataa tureera. Bakka OMN qillleensa irra hin turrettiis qaawwala odeeffannoo banames hanga tokko cufeera jechuun ni danda’ama. Keessumattuu yeroo OMN qilleensa irraa bu’iinsi itti heddumaate kanatti, ESAT tamsaasa Afaan Oromootiin eegaaluun, hanga gocha qabsoo keenna dhaamsuu fi dadhabsiisu irratti hin bobbaanetti, waan gaarii hojjataaran jennee fudhachutu nurra ture. Hunda caalatti Afaan Oromoo dubbachuun isaanii, dirqamaniis yoo ta’e, Afaan Oromootiif injifannoodha. Kaayyoo fi galiin isaanii kanuma woliin beeknu san ta’ee, yeroo isaan waan gaarii hafuursan jajjabeessuu qabna malee ukkaamsuu hin qabnu. Akkuma yoo daba hojjatan abaarru yoo waan gaarii hojjatanis gatii madaalawaa laatuufii qabna. Hundi keennaaf, seenaan abbootii ESAT inni dabre maal akka ta’e ifa. Hawwiin isaanii inni gara funduraas beekamaadha. Hara’a garuu, jaalatanii osoo hin taane, gootummaa Oromoo baatii sadiif ta’een harka akka nuuf rukutaniif isaan dirqeera. Dhoksatti maal akka jedhanii fi yaadan ni quba qabna. ESAT kan madaalamuu qabu garuu gocha isaa ifatti mul’atuun malee, keessumattuu miidiyaan, isa boru hojjachuu malanii fi karoora dhoksaan miti. Yoo karaa irraa badan, borus kan isaan jilbiiffachiisuu fi hawwii isaanii gara funduraas aabjuu taasisu irreedhuma Oromoo amma cimee agarru kana.

Hawwii fi kaayyoo mooraa habashaa guuttummatti beekuun waan hedduu gaarii fi barbaachisaa ta’eedha. Duukaa bu’aa yeroo yerotti hordofuunis dirqii ta’a. Sodaadhaan hirriba dhabuu fi shakkiin xaxamuun bifa kamiinuu mallattoo ciminaa fi ufitti amanuu ta’uu hin danda’u, garuu. Oromoon ESAT/mooraa Habashaaf jilbuiiffachuu mitii Woyyaanee Agaazii, taankii fi xayyaaratti dhimma baatuufuu yeroon tole jedhee itti bulu darbeera. Yeroo kanatti qabsaayota keenna abdachuu fi  ufitti amaniinsa horachutu nurraa eegama. Kana jechuun hanga hin jirree dhaadachuu, hunda tuffachuu fi ufirra ufirra dubbachuu jechuus miti.