Ameerikaan rakkoo Woyyaaneen keessa seente furuudhaaf asii fi achi jedhaa jirti

Ameerikaan yoomuu kan dhaabattu garee moo'aa fi dantaa isii eegsisu waliin. Ammatti kan moo'ataaru Oromoodha.

Rakkoon yeroo ammaa Itoophiyaan keessa seente Ameerikaa yaachisaa dhufuun isaa Senetar Jiim Inhoof fi Senetar Maaylan Inziin ibsan. Senetaroonni kunnniin kana kan ibsan yeroo Finfinnetti argamuudhaan muummicha ministeraa Haylamaaram Dassaalenyii fi prezidaantota naannolee dubbisanitti. Akka ibsa senetaroota kanaatti qilleensi siyaasaa amma Itoophiyaa keessatti bubbisaa jiru baay’ee yaachisaadha. Akka gara Itoophiyaatti imalaniif kan isan dirqe haaluma biyyattiin keessa jirtu kana ta’uu isaa ibsan.

Dhimmoota sirna dimokraasii gadi dhaabuu, ol’aantumma seeraa kabajuu fi mirga lammiilee eeguu irratti Ameerikaan yeroo heddu ibsa baasaa fi mootummaa Itoophiyaa gorsaa turteerti. Hanga yeroo dhiyootti deebiin gama mootummaa Itoophiyaatii laatamaa ture ‘nutuu beeknaa dhimma keenna keessa harka hin naqatinaa’ waan jedhun ture. Amma, sinri Woyyaanee dadhabaa dhufuu fi abdii kutannaan mudhataa jiru gara wantoota kana dura lagataa turan hunda fudhachuutti isaan geesseera. Ammatti, Woyyaaneen kan barbaadu namuma hallayyaa itti badde kana keessaa isii baasuudha. Tarii Abdiin isii inni dhumaa Ameerikaa ta’uu mala.

Marii senetarootaa fi aangawoota Itoophiyaa jiddutti ta’e kuni isa kana duraan adda. Marii kanarraa prezidaantonni naannoos qooda fudhataniiru. Prezidaantonni nannoo mari kanarratti kan argaman gaafii senataroonni Ameerikaa dhiyeessaniin. Seenaa biyyattii keessatti yeroon waajjira muummicha ministeraatti jilli biyya alaa tokko muummicha ministeraa fi prezidaantota naannolee walqixa mari’achiise hin turre. Kuni kan argsiisu waan sadi ta’uu mala. Tokkoffaan, hariiroon mootummaa federaalaa fi naannolee jidduu jiru dadhabaa  dhufuu fi tarii gara cituutti kalaayuu isaati. Hooggannoonni akka Lammaa Magarsaa cimanii as bayuun humna Haylamaaram Dassaalenyii fi namota isa marsanii hedduu laaffiseera. Inni lammataa, qooda fudhannaa prezidaantota naannoleen alatti rakkoon amma biyyattiin keessa seente sadarkaa hin furamne irra gayuu isaati. Kana dhumaa, Ameerikaan mootummaa federaalaa irraa abdii dhabaa dhufuu isii agarsiisa.

Qabsoo hadhaayaa Oromoon woggaa hedduuf gegeesse deeggarsa Ameerikaa hin arganne ture. Yeroo dheeraadhaaf iyyaa fi booyichi Oromoo Ameerikatti hin dhagayamne. Rakkoo Oromoo fi saboonni Itoophiyaa heddu keessa jiran osoo argitu Ameerikaan dantaa ufiif dursa latuudhaan sirna Woyyaanee cinaa dhaabataa turte. Amma, jijjiirama rakkoo Oromoo bu’uuraa hiiku barbaaduuf asii fi achi figu moo sirna Woyyaanee mataa ummataa irra tursiisuudhaaf wanti jedhu gaafii hundaati. Ameerikaan dogoggora kana duraa irra hin deebitu jechanii eeguun rakkisaadha.

Fedhiin Ameerikaa Gaafa Afrikaatti qabdu guddaan yaaddoo nagaa fi tasgabbiiti. Nagaa fi tasgabbiin sirni Woyyaanee argamsiise kan waaraa akka hin taane hubatameera. Nagaa fi tasgabbiin waaraa naannoo Gaafa Afrikaatti argamuu kan danda’u yoo Oromoo naannoo sanitti shoora guddaa taphate qofa. Ameerikaa jalaas kuni kan dhokate miti. Kana dura mootumaman Woyyaanee yoo bade biyyi ni diigamti sodaa jedhutu ture. Amma biyyi diigamtus diigamu baattus, sadarkaa mootummaa Woyyaanee baraaruun hin danda’ame irra gayameera. Kan jechuun Ameerikaan yaalii Woyyaanee tursiisuu hin gootu jechuu miti. Keessumattuu yoo Oromoo irraa abdii dhabde (wabii nagaa fi tasgabbii nannoo tiksuu) qabsoo Oromoo gufachiiisuudhaaf ijibaanni Ameerikaan hin goone hin jiraatu. Hooganoonni Oromoo sadarkaa kamuu kan godhuu qaban shira Ameerikaan xaxxu maltu qalbiin hordofuu fi fiigicha isiin itti jirtu gara faaydaa Oromoof oolchuutti jijjiiruu irratti cimanii hojjachuu qaban. Ameerikaan yoomuu kan dhaabattu garee moo’aa fi dantaa isii eegsisu waliin. Ammatti kan moo’ataaru Oromoodha. Diinaa fi gufuu ufirraa hir’isuuf kan Oromoon godhuu qabu, haasawaa fi gochaanis, wabii nagaa fi tasgabbii Itoophiyaa qofa osoo hin taane isa Gaafa Afrikaa ta’uu isaas firaa fi diinaafis mirkaneessuudha. Kana godhuun gamnummaa yeroon gaafattudha.