Amaloota yeroo heddu dureessaafi hiyyeessa irraa calaqqisan

Duroomuufi hiyyoomuu kan gargarbaasan jabaatanii hojjachuu qofaa miti jedhu hayyoonni

Durummaa takkaa qabeenya horuu kan hinbarbaanne hinjiru; jiraata yoo ta’e baay’ee xiqaadha. Ta’uus, hundaa miti kan duroomu, kan milkaayu.

Sababoonni durummaafi hiyyummaa gargar baasan heddu: kennaa waaqaa ta’uu irraa hanga jabaatanii hojjachuutti. Garuu namoonni kanniin qabeenyaan badhaadhaniifi  worraa carraaqqii woggaa hedduu booda ammas dhukkee hiyyummaa keessaa bahuu dadhaban irratti qorannoo geggeessan yaada addaa qabu. Akka qorannoo isaaniitti qabeenya hoorachuun dhimma carraaqu, dafquu qofa irratti hundaaayuu miti- duroomuuf yaada poozetiivii ta’efi ufitti amaniinsa sadrkaa ol’aanaa qabaachuun dirqama.

Yeroo heddu amaloota asii gadiitu namoota dureessaafi hiyyeessa irraa calaqqisu kan nutti himan. Mee wolumaan haa ilaalluu.

  1. Dureeessi duroomuu daran duroomuu qaba waan jedhu irratti cicha. Hiyyeessi durummaa hawwa.
  2. Sooressaaf maallaqatu isaaf hojjata. Hiyyeessi maallaqaaf hojjata.
  3. Qabaataan ol guddisee yaada. Miskiinni waan xixiqqoo irratti quphata.
  4. Dureessi hiree argamuu maltu irratti xiyyeefata. Hiyyeessatti gufuulee danqaa ta’uu malantu itti mumul’ata.
  5. Dureessi dureeyyii biro dinqisiifata. Hiyyeessi jiruu dureessaa jibbaa, tuffii hujii godhata.
  6. Qabaataan osoma sodaa jirtu hojjata. Miskiinni sodaadhaan gufatee funduratti tankaarfachuu irraa dhaabata.
  7. Sooressi qabeenya isaa irratti xiyyeeffata. Hiyyeessi mindaa isaa laakkawata.
  8. Dureessi qabeenya isaa seeraan qabata. Hiyyeessi waan qabu tasa galaafata.
  9. Soressi sahuu barata, guddata. Hiyyeessi baradheeraa jedhaa ufitti taphata.

Hojjachuun dirqama sooressa ta’uudhaaf. sun qofti gahaa miti. amala nama duroomsu qabaachuunis dirqii ta’a. Dubbiin achi irraa eegala jedhu, worri amala sooreyyiifi hiyyeeyyii qajeelatti barreerra jedhan.

Amaloota kanniin isin namoota beektan irraa waan argitan ykn taajjabdan qabduu?