Amaloota 10 sadarkaa ufitti amaniinsa guddaa ittiin horachuun danda’amuun

Wonti waan yaannu hunda akka hinraawwanne nugodhu guddichi ufitti amanuu dadhabuu keenya

Waa hojjachuu feena, garuu hindandeenyu jedhaa ufihiina; ufdhoorgina. Waa dubachuus barbanna; ammas namni nutti kolfinnaaf qaanfanna, afaan qabanna. waan yaanne godhuu irraa adabanna. Intala takka jaalanna; haalaan bareeddi, maatiin sooressa qabdi, natuffatittii sodaanna. Osoo onneen jaalattu, qalbiin hawwitu yaada onnee teenyaa ibsachuu dadhabaaf hidhamna; miidhamna. Qabxiin kunniin hundi, bifa hedduun, rakkoo ufiti amaniinsa dhabuun waan wolitti hidhata qabaniidha.

Rakkoon ufitti amaniisa dhabiinsaan dhufu akka salphatti hundeerraa buqqisuun tarii ulfaataa ta’uu nimala. Garuu, wonti hinfooyyofne, wonti sadarkaan ufitti amaniinsa keenyaa ol hinguddanneef tokko hinjiru. Sadarkaa ufitti amaniisaa daandiin ittiin fooyyessan hedddu. Kana irratti ogeeyyiin qorasammuu gorsaafi yaada addaddaa qabu. Kanniin asii gaditti tarreeffaman isaan keessaa muraasa. Yaadadhaa, qabxileen kunniin amaloota. Nutis sadarkaa ufitti amaniinsa keenyaa olkaasuuf amaloota kanniin irratti hojjachuutu nurraa eegama.

  1. Waan feetu dafiii murteessii, dafii hujitti geeddari. Wonta hojjachuu barbaaddu lafarra harkisuun boodarra jijjiirraa yaadaa fiduu mala. Turraan yaanni waan hojjachuuf deemtu hindandeettu jedhu isa nidandeeta jedhu irraa aanuun nimala.
  2. Guyyatti waan haarawa baradhu. Guyyatti waan haarawa, isa kamuu haata’uu, barachuu aadeffachuu qabda. Waan haarawa barachuun guyyaa guyyatti guddachuu kee sitti agarsiisa.
  3. Waa qajeelatti hubachuuf yaali. Gaafiin daalleen hinjirtu. Waan gaafattuuf, keessattuu isa namoonni heddu beekan yoo ta’e, namoonni heddu sitti kolfuu danda’an. Osoo hinqulqulleefatin ykn addaan hinbaafatin waan tokkotti seenuu dura waa cufa qajeelatti addaan baafachuun murteessaadha. Ufitti amanuun asumaa eegalti.
  4. Jabina qaamaa qabaadhu. Fayyaa qaamaa qabaachuun fayyaa sammuu qabaachuudha jedhama.
  5. Akkaataan amma itti jirtu siif hintaane taanaan jijjiruu irraa ufhinqusatin. Haala sihingammachiisne, tarii atumtuu itti hinamanne keessatti wonti sihidhu tokko hinjiru. Harramannaan hundi nijijjiirama. Kan ati hinfeene lafa nikaayama.
  6. Seeqadhu. Seeqachuu, nama gammadeefi isa nama simatu fakkaatani mudhachuun waa heddu ufkeessaa qaba. Guyyatti si’a heddu seeqachuu amala godhadhu. Cal jedhanii afaan banuu irraa haasayaa akka hinjirre quba haaqabaannuu.
  7. Namootaa biroo wojjiin madaallii hinbarbaachisne keessa uf hin naqin. Garuu uffii kee isa kaleessaafi har’aa wolbira qabii ufilaali. Kallattii hundaan funduratti tankaarfattee ufargite moo duubatti mucucaattee?
  8. Dogoggora uumte irraa dirqiin baqachuu ykn waakkachuu dhiisi. Wonti badu bade. Waan raawwate hundaaf sababa tarreessuu dhiisi; dhugaa dubbachuun xumura itti laati. Dogoggorri kan irraa baratan. Namni nama fannisu hinjiru.
  9. Waa haarwa hojjachuuf kaka’umsa fudhu. Wonti hinjijjiiramne hinjiru. Ufii keetiifi waan hojjattu hunda geeddaruuf wonti sigaafatu guddichi kaka’umsa isaa fudhachuu qofa.
  10. Waan gaarii hojjachuufi itti milkaayuu keetiif hamilee ufiif kenni. Isa dansaa ati hojjatteef yoo namni harka siif rukute hammeenya hinqabu. Ta’us, namooni biro sababa kamiifuu sixiqqeessuu, milkii kee salphisuun nimala. Nama irraa waa eeguun hinhidhamin. Waan cimaa dalageera jettee qajeelatti amannaan ufumaa keetii harka lamaan woliin dhahi. Kana goonaan ufjaalatta, bakka ufiiif kennita, waan hojjatteen boonta.