Amaloonni namoota ciccimoo irraa calaqqisan maal fa’a?

Dhimmoota heddu, milkaayuufi milkii dhabuu, funduratti tankaarfachuufi bakka yaadan hanqachuu kan murteessan. Isaan keessaa inni tokko, fagoo hin deeminaa, amala ykn aadaa keenya. Milkaayina argachuun amalaa fi aadaa daandii milkii irra nama dhaabu qabaachuu irraa kan eegalu ta’uu isaati hayyoonni kan gorsan.

Namni wol’aansoo jireenyaa moo’achuu, qabsoo dadhabsiisaa booda abbaa mirga ta’ee dirree irratti mul’achuu hin hawwine hin jiru. Hawwii yeroo heddu hundi keenya hawwina. Hedduun keenya garuu hawwiidhuma qofaan daangeffamnee jiraanna; buddeenuma aabjuu nyaanna.

Namoonni milkaayanis heddutu jira. Milkaayina isaaniitiif sababni maal ta’ina laata? Sababa heddu tarreessuun ni danda’am. Kuunniin sababoota ijoo amalaafi aadaa jireenya namoota milkaawaniin wolitti hidhata qabaniidha. Milkaayina isaaniitiifis daandii kan saaqan amalootuma kanniin.

Namoonni jireenyatti milkaawan:

  1. Saahuu waan haarawa yoo baran mul’atu

Muuxxannoo haarawa baruu fi yeroo hunda waa dubbisuun nama guddisa, dirree hiree fi milkaayinaa namaaf bal’isa.

  1. Hir’inaa fi cimina isaanii addaan baafatu ykn bareechanii beeku

Namoota jireenyatti milkaayanii sadarkaa guddaa irra gayan kan isaan biroon adda taasisu qabxiin tokko yoo jiraate, namoonni kunniin ciminaa fi dadhabina isaanii qajeelchanii beekuu isaaniiti. Waakkachuu irra, namoonni kunniin, hir’ina qaban hubatu yoo itti himames gammachuudhaan simatu.

  1. Dhimmoota kamiif dursi akka laatamuu qabu hubatu

Jireenya bu’i bayiin itti heddummaate kana keessatti, wanti hojjatamuu qabu ykn rakkoon furamuu qabu heddu. Dhugaan jiru garuu, hangamuu cimaa taanu, rakkoo nama mudatu hundaaf yeroo tokkotti deebii laatuun tasa waan hin danda’amneedha. Isa hundarra xiyyeeffannaan guddaan barbaachisuuf dursi laatamuu qaba. Namoonni ciccimoon jireenya isaanii keessatti milkaayina guddaa galmeessisan kan godhan kanuma. Hedduun keenya garuu, waan cufa al tokko raawwachuuf carraaqna; akkas gochuu keenyaan dhoqqee keessaa hin baaneen qabamna. Al tokko waan dursi laatamuuf tokko!

  1. Maallaqa isaaniitti sirnaan fayyadamu

Waa’ee mallaqaan wolqabatee dhugaan yeroo hunda ka’u tokko hanga argattu qofa osoo hin taane waan argattu akka itti qabattuudha kan si duroomsu. Hangamuu haa baay’atuu, maallaqa argattu fafacaasta, bubbeef kennita taanaan ati yoomuu rakkataa fi liqii kadhataadha.

  1. Yeroodhaan hirribaa ka’u

Amalli namoonni barnootaan, daldalaanis ta’ee waan biraatiin cimina ykn milkii guddaa argisiisan ittiin beekaman tokko yoo jiraate simbira ganamaa ta’uu isaaniiti.

  1. Kaayyoo fi galmi isaanii ifa

Maaliidhaaf jiraatta? Essa gayuudhaaf tiratta jettanii yoo gaafattan namoota kanniin irraa kan argattan deebii gabaabaa fi ifa ta’e tokko. Maaliidhaaf akka hojjatan, eessa gayuudhaaf akka tankaarfatan yoo gaafataman bifa wol hindhoofneen deebii isaanii lafa kaayu.

  1. Hawaasaa fi hiriyyoota wojjiin hariiroo cimaa uumatu

Milkaayini, kallattii kamiinuu ta’uu danda’aa, jireenya hawaasummaatiin hedduu wolitti hidhata qaba. Akka iddoolaa kophatti bayanii jiraachuunis ta’ee milkiin kophatti galmeessisan waan hin yadamne ta’uu waan beekaniif hawaasummaa fi hariiroo gaariidhaaf iddoo guddaa laatu.

  1. Amala gaariidhaan ummata biratti mul’atu

Ummata biraa jibbaa fi tuffii horachuun gufuu imala gara milkiitti godhamu gatantarsan keessaa isa tokko.

Hawwuu qofa miti, jireenyi. Kanniin milkaawan irraa barachuudhaan nutis waan hawwinu harkatti galfachuu ni dandeenya. Gufuuleen hawwii keenya bira akka hin geenneef danqaa ta’an heddutu jira. gufuun guddaan garuu nutumti amalaafi aadaa milkitti nugeessu dhabuu keenya. Ammumaa amlaafi aadaa gara milkaayinaatti nu geessu simachuudhaan hawwii milkaayinaaf qabnu haa dhugoomsinuu.