Ajjeechaan Itoophiyaa keessatti geggeeffamaa jiru baay’ee yaachisaadha, jetti Ameerikaan

Qaamni walaba ta'e bifa iftoomina qabuun ajjeechaa fi gidiraa ummata irra gayaa jiru akka qoratuufis waamicha dhiyeessiti

Mootummoota Gamtoomanitti ambaasaaddara Ameerikaa kan taate Samaantaa Paawor mootummaan Itoophiyaa ummata mormii isaa karaa nagaan geggeeffatu irratti tankaarfiin hamaan fudhatu baay’ee Ameerikaa yaachiseera jetti.  Kana kan dubbatte ibsa gaazexeessitootaaf Suudaan Kibbaatti laatteen.

Ambaasaaddar Samaantaa Paawor ajjeechaa fi dararaan Itoophiyaa keessatti ummata nagaa irra gayaa jiru haalaan yaachisaa akka ta’e dubbattee, ajjeechaa fi dhiittaa mirga namaa biyyattii keessatti bal’inaan geggeeffamaa jiru qaamni walaba ta’e bifa iftoomina qabuun akka qoratuuf waamicha dhiyeessite. Mootummaan Ameerikaa ummani mormii isaa karaa naga-qabeessa ta’een akka geggeeffatu mootummaan Itoophiyaa akka hayyamu gaafachuu isaas addeessite.

Ambaasaaddar Samaantaa Paawor angawoota Gamtaa Afrikaan wolarguuf jecha gara Finfinneetti qajeelteerti. Angawoota Itoophiyaas dubbisuun isii kan hin oolle ta’utu dubbatama.