Ajjeechaan Bishooftuu Oromoo dallansiisee ummanni daanditti bayee qabeenya Woyyaanee akka mancaasu taasise

Ummanni kan jedhaa jiru hudi keenna dhumachuu ykn nagaa fi bilisummaan jiraachuu

Yakka duguuggii sanyii guyyaa kaleessaa Oromoo irratti raawwatame hordofee Oromoon xiqqaa-guddaan, magaalaa-baadiyatti dallanee daanditti bayuudhaan mormii cimaa dhaggeessisaa fi qabeenya Woyyaaneen wolitti hidhata qabu hunda barbadeessaa jira. Halkan eedaa kaaseeti ummanni diinaan morma kan wolqabte. Gootummaa fi murannoon Oromoo har’as, akkauma kana duraa, daandii Oromiyaa hunda irratti kan mudhate.

Fincilli ummataa Buraayyuu, Shaashamannee, Amboo, Baatuu, Ajjee, Roobee Baalee, Madhichoo, Nuunnuu, Dambii Dolloo, Bulee Horaa, Maqi, Mugar, Incinnii fi magaalota Oromiyaa heddu keessatti bal’inaan geggeeffamaati kan jiru. Maashinni ajjeechaa Woyyaaneen bobbaafte magaalota hunda keessatti ummata irratti dhukaasuu irraa ammas uf hin qusanne. Ummanni garuu dorsisaa isaanii tasa hin sodaanne.

fincila-ummataa-bulee-horaa

Iddoo hundatti daandiin cufamuu fi sochiin geejjibaa danqamuun beekameera. Keesumaayyuu daandiin Finfinnee gara Hawaasaatti geessu guutuun guututti cufameera. Tankaarfii ummanni dallansuu fi aarii fudhateen konkolaataan Woyyaanee heddu ibiddaan cilaaweera.

Ummanni Oromoo nagaa fi kabajaadhaan jiraachuuf ykn dhumachuuf kan murteesse fakakata. ‘Ummanni bara mara ajjeefamuu fi saamamuu dadhabe,’ jedhe dargaggoon magaalaa Maqii irraa dubbifne tokko. Akka dargaggoon kun jedhutti , ‘Murannoon ummataa hundi Oromoo dhumachuu ykn Woyyaaneen harka kennachuudha. Bakka sirni Woyyaanee hin barbadaayinitti Oromoon naga argachuu fi tasgabbiin jiraachuun hin danda’u.’