Airbus rookkeettii si’a heddu gara samiitti dhuka’uu dandeettu hojjachuudhaaf

Ammatti rookkeetiin gara samiitti saatalaayitii ergu kamuu si'a tokko qofaaf tajaajila

Nama, meeshaafi saatalaayitii gara samii/hewaatti erguuf gufuulee heeddutu jiru. Isaan ijoon teknolojiifi baasiidha. Biyyoonni hangi tokko teknolojii (beekumsa) rookkeettii gara samiitti dhukaasuu qabaatanis humna maallaqaa dhabuun yaadaan malee qaamaan samii keessa akka hinceene isaan daangesseera. Baasiin al tokko rookkeettii gara samiitti ittiin dhukaasan biyyoota hedduuf wontuma akka samii fagoo ta’e tokko. Ammatti gubbatti ol mimil’atuun alatti, hiixxatuun samii bira gayuun tasa isaaniif hindanda’amne.

Barbaachisummaa qorannoo hiwaatti kan hedduu amanan gufuu gara teknolojiifi baasiin isaan mudatuuf, qorannooo isaanii daangessu, fala barbaaduu irraa tasa hinboqanne. Gama beekumsafi teknolojii samii ykn hewaatiin adunyaan sadarkaa maal irra akka jirtu quba qabdu; hedduu hedduu kan fagaatte fakkaata. Sa’aa kanatti Mars Rovers ardii Maarsii irra tittirratti. Yeroo gabaabaa keessatti miilli dhala namaas biyyee diimaa maarsii irratti ashaaraa isaa gatuuf deema. Kanaafis karoorri jira. As kaluu kana Komeetii irra Rosettan quphatteerti. Teleskooppiin hewaa Hubble yeroo kanatti ardii teenya irraa Lightyear hangam fagatee akka jiru namoonni waa’ee hewaa faana buutan quba qabdan jedheetiin amana.

Gama teknolojiittin kun hundi dhugaa ta’us rakkoo baasii rokkeetii gara samiitti erguun wolqabate sammuu qorattootaafi mootummoota dhaabbilee qorannoof maallaqa laatan yaachisuufi dhiphisuu akkuma itti fufetti. Baasii rookkeetiin ittiin dhukaafamu hir’isuuf hujiin hojjatamaa jiru, carraaqqiin godhamaa jiru hedduu abdachiisaa ta’uu isati oduun madda bayaa jiran kan mul’isan.

Burqaan rakkoo baasii irra jireessatti lama: rookkeettii saatalaayitiis ta’ee nama gara samiitti ergu hojjachuun qaalii ta’uu isaatiifi rookkeetiin hojjatame tokko al tokkoo ol tajaajila kan hinlaanne ta’uu isaati. Rakkoon kunniin biyyoonni heddu imaammata hewaaf xiyyeeffannaa akka hinlaanne tasisuu bira dabree tajaajilli saatalaayitaan wolitti hidhata qabu kamuu (irra jireessatti meeshaalee wolqunnamtii) akka qaalawuuf sababa gudada ta’eera. Saatalaayitii takka gara samiiti erguuf haala gabaa ammaatiii USD miliyoona 50 oli nama gaafata.

Gaafiin yeroodheeraadhaaf ture akkamitti rookkoottii tokko yeroo tokkoo oliif, isuma irra deddeebi’aa, fayyadamuun danda’amaa isa jedhu. Gaafii kanaaf deebii quubsaa laatuuf dhaabbileen heddu, NASAs dabalatee, qorannofi yaalii adda addaa taasisaa turaniiru. Ammatti garuu milkii argamsiisutti dhihaatan kan jedhaman dhaabbilee qorannoo lama: SpaceX fi Airbus dha.

SpaceX rookkeettii Falcon 9 jedhamtu kan yeroo heddu tajaajiluu dandeettu hojjateera. Yaaliin godhames abdachiisaadha. Dhaabbanni Airbus , kan xayyaara imaltootaa hojjachuun beekamu, rookkeetii Adeline jedhamtu hojjachuuf yaadaafi karoora (design) lafa kaayee jira. Karoora Airbus irraa kan hubatamu qaamni rookkeettii dhukaatuu inni hedduu qaaliifi barbaachisaa ta’e si’a hedduuf tajaajila kan laatu ta’uu isaati.

Yaaliin SpaceX fi Airbus godhaa jiran guutummatti milkaaye taanaan qorannoo samii hedduu funduratti furguggeessuu bira ce’ee ardii irrattis jireenya jiraattotaa hedduu fooyyessuu nidanda’a abdii jedhutu jira.

Yaadaafi karoorri Airbus Adelinef qabu maal akka fakaatu viidiyoo kana irraa hubadhaa.