ADO, ABO, KWO fi ABO-T Oromoon weerara ‘Liyyuu Poolisiin’ irratti bane ufirraa akka faccisuuf waamicha dhiyeessan 

Weerarri Oromoo irratti baname balaa sanyii duguuggii geggeessisaa fi Oromoo lafa fi qabeenya isaa irraa buqqisaa jira

Addi Dimokraatawaa Oromoo (ADO), Addi Bilisummaa Oromoo (ABO), Kallachi Wolabummaa Oromoo (KWO) fi Addi Bilisummaa Oromoo Tokkoomee (ABO-T) ajjeechaa, saamichaa fi weerara ‘Liyyuu Poolisiin’, humna mootummaan Woyyaanee bobbaase, Oromoo irratti raawwatame Oromoon hundi afoo akka dhabatuu gaafatan. Jaarmayaaleen kunniin gochi badii Oromoo irratti raawwatamaa jiru sadarkaa yaachisaa ta’e irra gayuu ibsanii, hatattamaan dhaabachuu qaba jedhaniiru.

Oromoo ajjeesaa fi lafa irraa buqqisaa kan jiru humna Woyyaaneen bobbaafte kan maqaa ‘Liyyuu Poolisii’ jedhu baafatee fi golgaa wolitti bu’iinsa daangaa jedhu uffateedha, akka ibsa jaarmayaalee kanaatti. Rakkoon amma mul’ataa jiru kuni wolitti bu’iinsa jiraattota dangaa Oromiyaa fi naannoo Somaaleen wanti isa jechisiisu tokko hin jiru. Kan geggeeffamaa jiru, akka jarmayaalee kanatti, woraana Woyyaaneen Oormoo irratti labsisteedha. Oromoon kan qajeelatti hubachuu fi gootummaan fundura dhaabachuu qaba.

Weerarri Oromoo irratti baname balaa sanyii duguuggii geggeessisaa fi Oromoo lafa fi qabeenya isaa irraa buqqisaa jira, jedhu jaaramayaaleen kunniin. Weerarri kun bal’inaan kan geggeeffamaa jiru Baha Oromiyaa irraa Qumbi, Cinaaqsan, Miidhagaa Lolaa, Gursum, Mayyuu Mulluqqee, Baabilee, Carcar/Gumbii Bordodde dha. Godina Baale Daawwee Saarii, Sawweena, Madda Walaabuu fi Raayituu yoo ta’u, weerarri wolfakkaatu Gujii Idalloo fi Liibanii , akkasumas Boorana Moyyaalee fi bakkoota biraa hedduu keessatti deemaa jira. Seenaa isii keessatti, Oromiyaan weerarra kana fakkaatu bara 1970’moota keessa, yeroo Ziyaada Barreen Somaaliyaa bulchaa tureedha kan argite.

Weerara Oromoo fi Oromiyaa irrattii baname kana ummannii fi jaarmayaaleen Oromoo akka ufirraa faccisan jaarmayaaleen afran kunniin gaafataniiru. Bifuma wolfakkaatuun, jaaramayaaleen kunniin waamicha mootummaa Woyyaanee, hawaasa addunyaa, mootumma naannoo Somaalee fi ummata Itoophiyaa hundaaf dhiyeessanii jiru.