Abbaanduulaa Gammadaa Taayitaa Afyaa’ii Paarlaamaa Itoophiyaa gadidhiise

OPDO'n jijjiiramaa jiraachuun isii dhugaadha!

Ob. Abbaaduulaa Gammadaa, afyaa’iin Paarlaamaa Itoophiyaa, dirqama afyaa’ii parlamaa Itoophiyaa yeroo dheeraadhaaf irra ture fedhii isaan gadi dhiisuun isaa himame. Abbaaduulaa Gammadaa hujii gadi lakkisuudhaaf kan murteessee woraana karaa naannoo Somaaleetiin humnoonni hidhatan Oromiyaa irratti labsan mormuudhaan.

Abbaaduulaa Gammadaa dirqama afyaa’ii ufirraa lafa kaayus, miseensa OPDO jiddu galeessaa akka ta’etti akka itti fufu murteessuun isaa gabaafameera. Kufaatii Woyyaanee saffisiisuudhaaf ammatti tooftaan caalaan OPDO cimsuu akka ta’etti hubatamaa dhufeera. Koree OPDO keessatti hafuuf murteessuun Abbaaduulaa OPDO ni cimsa. Tankaarfiin inni sa’aa kanatti fudhate hundi isa sirrii ta’utu dubbatama. 

Woraanni karaa daangaa naannoo Somaaleetiin Oromoo irratti baname buqqa’iinsa Oromoo kuma dhibba hedduuf sababa ta’eera. Namoonni ajjeefamanii fi miidhaan qaamaa irra gayes heddu. Abbaanduulaa Gammadaa tankaarfilee raayyaan woraanaa fi humni tika federaalaa Oromoo irratti fudhataa turan cimsee mormaa turuu isaatu himama. Mormiin isaa kuni aangawoota mootummaa federaalaan wolitti isa buusaa turuunis beekameera.

Abbaanduulaa xalayaa hujii gadidhiisuu  erga galfatee torbeen lama darbeera. Kisaaraa tankaaarfiin isaa isaan irraan gayu guddaa waan ta’eef murteessuu dadhabdee woliin rakkataa turte Woyyaaneen. Amma garuu, paarlaamaan afyaa’ii biraa akka filatu beekameera. Miseensonni OPDO paarlaamaa keessa jiran sagalaa isaanii bifa kamiin akka laatan Wiixata kan ilaallamu ta’a.

Yeroo dhihoo asi sirna Woyyaanee kufaatii irraan kufaatiin biraa mudataati kan dhufe. Tankaarfiin Abbaanduulaa fudhatee fi daandiin Lammaa Magarsaa faati irra jiran kan mirkaneessu yoo jiraate umriin sirna kanaa hedduu gabaabbatuu isaati.

OPDO’n ala Woyyaanene faana takka tankaarfachu akka hin dandeenne beekamaadha. Sa’aa kanatti OPDO’n ajaja TPLF ala ta’uun isii ifa. Abbaanduulaa fi Lammaan hujii eegalan cimsanii akka itti fufaniif deeggarsa Oromoo bal’aa barbaadu; deeggarsa Oromoon alatti qawwee fi humni woraanaa qaban hin jirre waan taéef. 

Bilisummaa mitii jijjiiramni karaa OPDO ni dhufa jedhee namni heddu hin eegne. Amma jijjiirama dhugaa argutti jirra. Sa’aan wolshakkii itti heddummeessan darbeera. Sa’aan yakka kana dura hojjatame itti tarreessan ammoo hin geenne. Karaa kamiinuu haa dhuftuu, hireen gabrumatti xumura laatuu tuni nu darbuu hin qabdu.