145+ kan wareegameef, kumaatamnis kan madaayee fi hidhameef mormii maaster pilaanii qofaaf miti

Imalli eegalame isa rakkoo jaarraa hedduuf Oromoo yaachisaa fi qeerroo mataa lafa laalchisaa turetti xumura latuuti.

Marii guyyaa sadiif geeggeesse booda Dhaabbanni Dimokraatawaa Ummata Oromoo (DHDUO) Maaster Pilaaniin Finfinnee, galaafatamiinsa lubbuu fi hidhamiinsa dargaggoo Oromoo hedduuf sababa ta’e, dhaabbachuu labsee jira. Maaster Pilaanii dhaabbachuun, yeroofis ta’u, waan gaariidha. Ammaaf, Oromoon miliyoonatti laakkayamu woggaa takkaafis taatu buqqa’uu jalaa dandamate; karoorri Abbaay Tsahayyees gufate. Gaafiin Oromoo, kan ummanni meeqaa irratti wareegamee fi kumaatamaan hidhameef, waa’ee maaster pilaanii Finfinnee qofaa? Miti. DHDUO’n akkas yaaddi taanaan, silaa dubbiin yeroodhaan hin galtuufii, ammas dogoggorteerti.

Maaster Pilaaniin Finfinnee gaafii Oromoo guddichaa fi tokkichaa miti

Maaster Pilaaniin Finfinnee sababa hatattamaati malee gaafii Oromoo guddichaa fi tokkicha hin turre. Qaamni kamuu Oromoon 140 oli, isa bara darbee dhiisaa, lubbuu qaalii kan gabbaraniif; kumaatamaan kan hidhamanii fi kan qaama itti dhabaniif Master Pilaaniin Finfinnee hujii irra akka hin oolle godhuu qofaaf akka hin taane qajeelatti beekuu qaba. Kan Oromoo daanditt Amboo, Haramaayaa, Olonqoomii, Roobee, Ciroo, Gindoo, Ammayya, Buraayyu, Wolisoo, Naqamtee, Amuruu, Shaambuu, Salaalee, Nageellee baasee bittaa mirgaaf lubbuu akka kaffalu kan taasise dhimma salphaa miti: gaafii ukkaamamee fi rakkoo woggoottan heedduuf woliratti kuufameedha.

Rakkoo fi gaafiin Oromoo heddu; falaa fi deebiin qaamni kamuu laatu heddu ta’utu irra jira. Rakkoo fi gaafii kumaatama keessaa takka gurra qabanii baasanii ‘deebiin kunooti’ jechuun, sunuu yoo dhugaa ta’e, fala miti. Yeroo Oromoon dammaqee, sodaa fi doorsisaa waan jedhamu lafatti naqe kanatti ‘maaster pilaaniin hafee’ manatti galaa jechuun waanuma hin taanee fi hin fakkaanneedha. Silaa biyyattii sani keessatti waanuma hin taanee fi hin fakkaannetu ta’a yeroo heddu. Kunis saniin alaa miti. Gowwoomsaa fi tuffiin guutummatti dhaabatuu qaba.

Sochii hanga ammaatti ta’een gaaga’ama guddatu ta’e. Woraanni ummata irratti bobba’e dhala Oromoo adamseeti kan ajjeesaa jiru. Lubbuun barattoota keenyaa kan sinbiraa hanqatte, yeroo kanatti. Sochii baatii lamaa kana keessatti ummata heddu kan qaama dhabee, kumaatama kan mana hidhaa maqaa fi iddoon isaa hin beekamnetti kan gatame. Barattoota yunivarsiitiitti  hawwiin baratanii guddachuu fi abdii boruu  horachuu xalayaa kaadironni barreessituun kan guutummatti dukkanaayaa jiru. Abbaa-irrummaan daangaan maletti babala’tee sadarkaa reeffa daandii irraa kaafachuu fi kan du’eef imimmaan buuffachuu dadhabuu irra gayame.

Yakki bal’aa fi akaakuu addaddaa kuni dhala Oromoo irra kan gayaa jiru ummanni yakka waan jedhamu tokko raawwatee (lubbuu namaa baasee ykn qabeenya mancaasee) miti. Haqaa fi mirga isaatiif dubbachuu qofa kan Oromoo, keessattuu barattota, dararaa akkas hadhaayu kanaaf saaxile. Duuchatti maaster Pilaaniin hafuun alatti, mirgi ummataa kabajamuu, haqni Oromoo tikfamuu fi guyyaa duummessi Agaazii ummata irraa saaqamuun wolqabtee labsiin DHDUO waan jedhe qabaa? Wanti tokko hin jiru. Gaafiin ummataa fi deebiin DHDUO ammas, akkuma woggoottan darbanii, quba wolhinqaban jechuudha.  Kanaaf, qabsoon diddaa gabrummaa oo’ee itti fufa jechuudha.

Hundi kan hubatuu qabu, keessumattuu DHDUO fi Abbaay Tsahayyee, kan baye lubuu sinbiraa akka hin taane.  Kan akka lagaatti lola’e dhiiga dargaggoo Oromooti. Gochi garajebeenyaa kuni Oromoo hunda madeesse. Haadholee ilmaan dhaban akkaan boochise; hallayya gaddaa isa yoomuu keessa hin baane isaan seensise. Shororkaan baatii lamaan darbaniif mootummaan Itoophiyaa  Oromoo irratti gadi lakkise hawaasa addunyaas osoo hin hafin kan yaaddoo guddaa keessa seensise. Gaafiin Oromoon qabatee daandii irratti baye gaafii sirrii fi haqa qabeessa ta’ee osoo jiru yaaliin gaafii ummataa xiqqeessuu fi gatii dhabsiisuu bal’aan godhamaa ture. Hunda caalatti ammoo, maaliif waa’ee Sabbataafi Sulultaa, Bishooftuu fi Buraayyu hafuursitan jechuudhaan daandii irratti adamsaa dhiiga Oromoo dhangalaasuu fi  mana keenya keessatti nu ukkaamsuun dhufe. Egaa dhugaa kana kan gaafii maaster pilaanii boqonnaa haarawa seensise.

Kana booda DHDUO’n deebi laatuu kan qabdu, dandeetti yoo ta’e, waa’ee maaster pilaaniif miti. Dhimmoota biraatiif. Lubbuun osoo hin bayin, kumaatamni mana hidhaatti osoo hin darbatamin maaster pilaaniin haqamuun nidanda’ama ture. Suni osoo hin taane hafeera. Amma garuu, Oromoon foon ilmaa-intala isaa diina nyaachisee, kumaata mana hidhaatti dhiisee,  maaster pilaanii haqame DHDUO’n jetteef qabsoo eegale irraa dhabatuu fi haqa isaa tikfachuu irraa tasa kan limsatu hin ta’u. Imalli eegalame isa rakkoo jaarraa hedduuf Oromoo yaachisaa fi qeerroo isaa mataa lafa laalchisaa turetti xumura latuuti. Kuni akka ta’uuf deemu amma argineerra. Oromoon bal’aanis, DHDUO’nis kanaaf uf qopheessuu qabu.

Hunda caalatti yeroon kuni yeroo Oromiyaan dachii woraanaa itti tatee fi huni Agaazii bulchiinsa naannoo keenya harkatti galfatee dha. Huni maaster pilaaniin hafuu nutti himu isa yeroo Agaazii daandii irratti nama ajjeesuu fi mana namarrati jigsu dhaabsisuu mitii itti hafuursuu hin dandeenneedha. Haala kana keessatti, yeroo Oromoon mootummaas ta’ee wobii jireenyaa hinqabne kana keessatti, manatti galuu miti falli. kan nama baasu. Gaafilee ammas deebii hin arganne jabeechanii gaafachuu qofa ammatti kan nama baasu.

Ajjeechaa dhaabuun dhimma dursi laatamuufii qabuudha

Gaaga’ama Oromoo irra gaye booda fallai jiru tokko qofa.  Innis, gaafii ummataaf deebii quubsaa laatuu. Hanga sa’aa kanaatti dhugaan argutti jirru, mootummaan Oromoo ajjeesuu fi madeEssuu irraa uf hinqusanne; ukkaamsamuu fi mana hidhaatti darbatamuunis hin dhaabbanne. Dhiigni Oromoo magaalotaa fi baadiyaalee Oromiyaa keessatti haalaan dhagala’a. Imimmaan haawwottifi abbootii Oromoo osoo wolirraa hin citin yaa’a. Dhugumatti waa’een nageenyaa, tasgabbii fi misoomaa naannoo Oromiyaa isa yaachisa taanaan mootummaan yeroo gabaabaa keessatti ajjeechaa dhaabuu qaba.

Du’a jalaa bayuun waan tokko. Mana fi naannoo ufii keessatti tasgabbiin jiraachuunis dhimma akka laayyotti laallamuu miti. Haala qabatamaa amma jiru kanaan Oromoon yaaddoo yeroo kamuu na ajjeesu, nagidirsu fi mana hidhaatti nageessuu keessa jira. Marmartoo rakkoo fi sodaa kana keessaa bayuun kan danda’amu jalqabatti yoo humni woraanaa Oromiyaa dhuunfatee fi motummaa naannoo hujii irraa ari’ate naannoo keenya gadi lakkisee baye qofa.

Kan galaafatame lubbuu Oromooti malee isa sinbiraa miti

Akka gaaritti hubatamuu kan qabu, kan galaafatame lubbuu sinbiraa ta’uu dhabuu isaati. Dhiiga sarees miti kan dhagala’ee akkasitti yaa’e. Dhiiga Oromooti malee. Lubbuu qalii Oromoo kanneen galaafatanii fi akka galaafatamuuf ajaja kennan seeraaf akka dhiyaatan godhamuunis dirqama ta’a. Kun ta’uu kan danda’u yoo qaamni wolaba ta’e gaaga’ama gaye qorate qofa. Qaamni mootummaa Itoophiyaatiin wolitti hidhata qabu kamuu kana gochuu hin danda’u; bu’aan qorannoo isaani ammumaa tilmaamamaa waan ta’eef. Ammas, ummanni gaafii haqaqabeessa gaafataniif hidhaman hiikamuu fi barattoonni barnoota irraa ari’aman barnootatti deebifamutu irra jiraata. Mirgi yaada ufii ibsachuu fi haqa ufii tikfachuu bakka hin jirretti borus saamamuun, ajjeefamuu fi ukkaamfamuun Oromoo waan hin oolle. Kanaaf dhimmi dhabamiinsa ol’aantummaa seeraa,  dimokraasii, kabajaan mirga namaa fi bulchiinsa gaarii biyya hin jirre keessatti jiraachuun hedduu rakkisaa fi wobii jireenyaa dhabsiisaa dha. Kana booda gaafiin Oromoo kan fuulleffatuu qabu dhimoota ijoo ta’an kanniin irratti. Mootummaanis deebii kan laatuu qabu dhimootuma kanniiniif. Gaafii kanniiniif deebii laatuun namoota qulqulluu ajjeesuu irra hin ulfaatu, bakka murannoon siyaasaa haala biyyattii fooyyessuu jirutti. Kuni guutamuu qofa nagaa fi tasgabbii; akkasumas misooma waareetti kan biyyattii geessu.

Rakkoo Oromoon ganna 25’f, kan uggu ifatti dubbataa fi kan sodaatu quunquffataa, keessa jiraate DHDUO’n qajeelatti beeka. Ifatti amanaii fudhachuu sodaachuu fi humna deebii ittiin laatan qabaachuu dhabuudha rakkini ture. Hedduun isaanii dhugaa jalaa dhokatu, ajaja ummata irraa osoo hin taane qaama biraa irraa fudhatu. Gaafii ummataaf deebii laatuuf ni harkifatu; Saahuu ‘gooftota’ osoo hayyama gaafatan yeroo murteessaa galaafatu. Isaan rafanis, ammatti kan argutti jirru, Oromoon hedduu dammaquu isaati. Isaan lafarra shunquuqanis Oromoon gaafii mirgaa, haqaa, wolqixxummaa, abbaa-biyyummaa fi dimokraasii qabatee funduratti tankaarfachaati kan jiru. DHDUO akkuma dhimma maaster pilaanii gaafii ummataa jallisuu fi lafarra harkisuu dhiisee gaafilee biroos deebisuuf ufqophessuu qaba- yoo xiqqate gooftotatti geessutu irraa eeggama. DHDUO’n haala ganna 25’f turaniin itti fufan taanaan gatamuu fi dagatamuun isaanii ifa. Amma ummata woliin dhaabbachuu fi tankaarfachuu qofatu isaan baasa. Dhugaa Oromoo fi Oromiyaan keessa jirtu hubatuu garuu? Yeroo qofatu kana ifa godha.